Amalawwan Impress LibreOffice

Impress LibreOffice agarsa islaaydii kaamayaa isa taattoowwan, wantawwan fakkaasaa, barruu, sabqunnamtii baay'ee fi wantoota kabiroo hedduu dabaluu danda'u uumuu sidandeesiissa. Yoo barbaaddee, dhiheessawwan Maykirosofti PaaworPoo'eentii illee alaaguu fi haaroomsu nidandeessa.

Agartiirraatti agarsiisa islaaydii dhiheessa kee bareechuuf teeknika fayyadamuu dandeessu keessaa tokko tokko, sochii fakkinaa, cehumsa islaaydii, sabqunnamtii baay'eeti.

Saxaatoo Xiyyee Uumuu

Meeshaalee hedduun fakkasaa LibreOffice keessatti saxaatoo xiyyee uumuuf gargaaran Impress LibreOffice keessatti argamu.

Islaayidii Uumuu

Impressn LibreOffice qajojii akka islaaydii kaamayaa uumtuu siif laata.

Akkasuumas, islaayidii keetii galteewwan kamaatii hedduu, sochii fakkinaa, galteewwan cehumsaa dabalatee ramaduu nidandeessa.

Dhiheessawwan Uumuu

Yammuu saxaxaa agarsiisa islaayidii, mul'annoo yk fuulawwan hedduutu jirata. Fakkeenyaaf, Foo'aan Islaayidii, toorii islaaydii keetii akka unkaa qeensa abgudduutti agarsiissa, fuulii Hirtaa ammoo, islaaydii fi barruu lachuu, isa ati dhaggeeffattootaaf raabsuu barbaadduu of keessaa qaba.

Akkasuumas, Impress LibreOffice yeroo shaakalaa, agarsiisa islaayidii keetiif sidandeesiissa.

Dhiheessawwan Maxxansaa

Akka Hirtaatti, yk akka galmeewwan HTML itti, agartiirraatti islaaydii kee maxxansuu nidandeessa.

Dhiheessawwan Keenuu

Impress LibreOffice agarsiissaa islaaydii kee akka kaastuuf filannoo ofumaan yk hujeekaan siif keena.