Gabateewwaniin Hojjechuu

Deetaan gabateewwan keessatti kuufama. Akka fakkeenyaatti, yaadannoon teessoo sirnaakee kan teessoowwan erga keef fayyadamtu gabatee kuusdeetaa yaadannoo teessoo ti. Tokko tokkoon kuusaa deetaa, gabatee sana keessatti akka tarreetti dhiyeeffama. Kuusaawwan deetaa dirreewwan deetaa of keessaa qabu, fakkeenyaaf maqaa jalqabaa fi dhumaa dirreewwanii fi dirree ergaa'e.

Masaka Gabateetiin Gabatee Haaraa Uumuu

LibreOffice keessatti Masaka Gabatee fayyadamuudhaan gabatee haaraa uumuu ni dandeessa:

  1. Faayilicha kuusdeetaa bakka itti gabaticha haaraa uumuu barbaaddu bani.

  2. Heerata bitaa foddicha kuusdeetaa keessaa, sajoo Gabateewwan cuqaasi.

  3. Gabatee Uumuuf Masaka Fayyadami cuqaasi.

Mul'anoo Saxaxaatiin Gabatee Haaraa Uummu

  1. Faayilicha kuusdeetaa bakka itti gabaticha haaraa uumuu barbaaddu bani.

  2. Heerata bitaa foddicha kuusdeetaa keessaa, sajoo Gabateewwan cuqaasi.

  3. Mul'annoo Saxaxaa keessatti Gabatee Uumi cuqaasi.

Foddaa Saxaxa Gabatee ni argita.

Mul'annoo Gabatee Haaraa Uumuu

Gosoonni kuusdeetaa muraasni mul'annoowwan gabatee ni deeggaru. Mul'anni gabatee gaafata kuusdeetaa waliin kan kuufamu dha. Dalagaalee kuusdeetaa irra jireessaaf, mul'anni akka ati gabatee fayyadamtuutti fayyaduu ni danda'a.

  1. Faayilicha kuusdeetaa bakka itti mul'annoo gabatee haaraa uumuu barbaaddu bani.

  2. Heerata bitaa foddicha kuusdeetaa keessaa, sajoo Gabateewwan cuqaasi.

  3. Mul'annoo Gabatee Uumi cuqaasi.

Foddaa Saxaxa Mul'annoo kan Foddaa Saxaxa gaafata tti hiiqu fakkaatu argita.