Gabaasota Uumuu

Gabaasni galmee barruu Barreessaa kan deetaa ke tartiiba qindaa'een fi dhangeessuutiin agarsiisuu danda'u dha. Bu'uura LibreOffice keessaa, gabaasa uumuuf filannoo foddaa Ijaaraa Gabaasaa keessaa hujeekaan harkiisanii kaa'uu fayyadamuun yookiin walakkaa-ofumaan qaaqota walfaannee Masaka Gabaasa keessaa hordofuun.

Tarreen armaan gadii tooftaa isa kam deetaa keef fayyadamuu akka qabdu murteessuuf odeeffannoo muraasa siif kenna:

Ijaaraa Gabaasaa

Masaka Gabaasaa

Ajaja " Mul'annoo Saxaxaatiin Gabaasa Uumi" tiin jalqabe.

Ajaja " Gabaasa Uumuuf Masaka Fayyadami" tiin jalqabe.

Irraantoowwan fi jalaantoowwan gabaasaa, irraantoowwan fi jalaantoowwan fuulaa, Gabaasota tarjaa-hedduu fayyadamuuf dhodhommoqxummaa guutuu.

Galmee gabaasaa uumuuf qajoojii Barreessaa fayyadama.

Dirreewwan kuusaa yookiin miseensota saxaxaa kanneen biroo kan akka fakkiilee yookiin sararootaa qubachiisuuf harkisanii kaa'uu fayyadami.

Kuusaawwan deetaa qindeessuuf filannoowwan kennaman hedduu keessaa filadhu.

Fanyartuu yeroo-tokkoo deetaa uuma. Gabaasa haromsame ilaaluuf, galmee Barreessaa deetaa haromsameen uumuuf irra deebiiti galmichuma hojjoomi.

Deetaa dhaabbataatiin fanyartuu yeroo-tokkoo uumuuf filachuu ni dandeessa, yookiin gabaasa "live" geessituuwwan deetaa ammaa waliin yommuu faayilicha Bu'uuraa bantu.

Gabaasicha akka galmee barruu Barreessaa tti ol kaa'a.Odeefannoo akkamitti gabaasa faayilicha Bu'uuraa keessaatti uumuu danda'amu kuusa.

Gabaasaa fi odeeffannoo akkamitti gabaasa faayilicha Bu'uuraa keessaatti uumuun danda'amu ol kaa'a.

Baafata halqaraa keessaa Bani fili yookiin deetaa ammatiin gabaasa haaraa uumuuf maqaa gabaasichaa lama cuqaasi.

Baafata halqaraa keessaa Bani fili yookiin yeroo uumama jalqabaa irraa irradeebiitee fanyartuu dhaabbataa deetaa ilaaluuf, yookiin deetaa ammaatiin gabaasa haaraa uumuuf maqaa gabaasichaa lama cuqaasi.Kuni filannoo ke dhuma fuula masakichaa irra jiru irratti hundaa'a.

Foddaa Ijaaraa Gabaasaa kan odeeffannoo gabaasaatiin fe'aman banuuf baafata halqaraa maqaa gabaasaa keessaa Gulaali fili.

Faayiilii qajoojii Barreessaa kan gabaasicha uumuuf fayyadu gulaaluuf maqaa gabaasaa baafata halqaraa keessaa Gulaali fili.


Mul'annoo Saxaxa Keessatti Hujeekaan Gabaasa Haaraa Uumuu

  1. Faayilicha kuusdeetaa bakka itti gabaasicha haaraa uumuu barbaaddu bani.

  2. Heerata bitaa foddicha kuusdeetaa keessaa, sajoo Gabaasota cuqaasi.

  3. Mul'annoo Saxaxa keessatti Gabaasa Uumi cuqaasi.

  4. Ajajoota qajeelfama Ijaaraa Gabaasaakeessaa hordofi.

Masaka Gabaasaatiin Gabaasa Haaraa Uumi

  1. Faayilicha kuusdeetaa bakka itti gabaasicha haaraa uumuu barbaaddu bani.

  2. Heerata bitaa foddicha kuusdeetaa keessaa, sajoo Gabaasota cuqaasi.

  3. Gabaasa Uumuuf Masaka Fayyadami cuqaasi.

  4. Gabaasicha uumuuf ejjannoowwan Masaka Gabaasaa hordofi.