ti

Bu'ura keessaa Deetaa Alaaguu fi Alerguu

Tooftaa salphaan foddaawwan kuusdeetaa alaaguu fi alerguu Calc akka "fayyadamaa gargaaraa" tti fayyadama.

Deetaa Bu'uura irraa alerguu

Gabatee Bu'uura irraa gara wardii Calc haaraatti garagalchitee, achii deeticha gara dhangii faayilii kan Calc deeggaru kamiyyuu tti olkaa'uu yookiin alerguu ni dandeessa.

  1. Faayilicha kuusdeetaa kan gabatee kuusdeetaa alergamuuf qophaa'e qabate bani. Gabateewwan ilaaluuf Gabateewwan cuqaasi, or gaafattoota ilaaluuf Gaafattoota cuqaasi.

  2. Faayilii - Haaraa - Wardii fili.

  3. Foddicha Bu'uuraa keessaa, alerguuf maqaa gabatichaa mirga-cuqaasi.Baafaticha halqara irraa Garagalchi fili.

  4. Foddicha Calc haaraa keessaa man'ee A1 cuqaasi, achii Gulaali - Maxxansi fili.

Amma deeticha gara gosoota faayilii hedduutti ol kaa'uu yookiin alerguu ni dandeessa.

Deetaa Bu'uura irraa alaaguu

Sajoo Yaaddannoo Faayiloota barruu, faayiloota wardii fi yaadannoo teessoo sirnaakee haalata dubbisuu-qofa qofaan alaaguu ni dandeessa.

Sajoo Yaaddannoo Yommuu faayilii barruu yookiin wardii irraa alaagdu, faayilichi odeeffannoo irraantoo dalagata jalqabaa qabaachuu qaba. Dalaganni lammaffaa faayilichaa dalagata deetaa gataa'aa jalqabaati. Dhangiin dirree dalagata lammaffaa keessaa kamiyyuu dhangii tarjaa waamaraaf murteessa. Yommuu gara Bu'uuraa tti alaagdu odeeffannoon dhangii faayilii wardii irraa kamiyyuu ni bada.

Sajoo Yaaddannoo Fakkeenyaaf, tarjaan jalqabaa dhangii barruu qabaachuu isaa mirkaneessuuf, dirreen jalqabaa dalagata deetaa gataa'aa jalqabaa barruu of keessaa qabaachuu isaa mirkaneeffachuu qabda. Yoo dirreen dalagaticha deetaa gataa'aa jalqabaa lakkoofsa of keessaa qabaa tahe, tarjichi guutuun dhangii lakkoofsaatti qindaa'a, fi barruu osoo hin taane, lakkoofsotni qofa tarjaa sana keessatti agarsiifamu.

  1. Faayilii Bu'uuraa gosa kuusaa deetaa barbaadde sanaa bani.

    Faayilii Bu'uuraa haaraa Masaka Kuusdeetaa fayyadamuun uumi , yookiin faayilii Bu'uuraa jiraataa kan dubbisuu-qofa hin taane bani.

  2. Faayilii Calc kan deetaa gara Bu'uuraatti alaagamu of keessaa qabate bani. Faayilii *.dbf dBASE yookiin gosoota faayilii hedduu kan biroo banuu ni dandeessa.

  3. Deeticha gara Bu'uuraatti garagalchamu filadhu.

    Yoo marfata taasisuu hin barbaadne tahe, Sanduuqa Maqaa keessa wabii hangii kan akka A1:X500 galchuu ni dandeessa.

    Yoo wardii dBASE garagalchite, dalagata gubbaa kan deetaa irraantoo of keessaa qabu dabali.

  4. Gulaali - Garagalchi fili.

  5. Foddaa Bu'uuraa keessaa, gabateewwan ilaaluufGabateewwan cuqaasi.

  6. Foddaa Bu'uuraa keessaa, Gulaali - Maxxansi fili.

  7. Qaaqa Gabatee Garagalchaa ilaali. Kuusaawwan deetaa irra jireessi furtuu dursaa fedhu, kanaaf tarii sanduuqaFurtuu dursaa uumi mirkaneessuu si barbaachisa.

Sajoo Qaxxee Sirnoota foddaawwanii irraa,bakka Garagalchii ti Maxxansii harkisiiti-kaa'I fayyadamuu ni dandeessa. Kuusaawwan deetaa galmaa'anifis, foddicha Bu'uuraa banuurra iyyaafataa madda deetaa(F4 dhiibi) fayyadamuu ni dandeessa.