Unkootaan Hojjechuu

Unkoota fayyadamuun, deeticha akkamitti dhiyeessuu akka dandeessu qindeessi. Galmee barruu yookiin wardii baniitii to'annoowwan kanneen akka qabduu dhiibaa fi tarree sanduuqotaa saagi. To'annoowwan qaaqota amalootaa keessaa, unkootni deetaa maalii argisiisuu akka qaban qindeessuu ni dandeessa.

Masaka Unkaatiin Unka Haaraa Uumi.

LibreOffice keessaa, Unka haaraaMasaka Unkaa fayyadamuudhaan uumuu ni dandeessa.

  1. Faayilicha kuusdeetaa bakka itti unkicha haaraa uumuu barbaaddu bani.

  2. Heerata bitaa foddicha kuusdeetaa keessaa, sajoo Unkoota cuqaasi.

  3. Unka Uumuuf Masaka Fayyadami cuqaasi.

Hujeekaan Unka Haaraa Uumuu

  1. Faayilicha kuusdeetaa bakka itti unkicha haaraa uumuu barbaaddu bani.

  2. Heerata bitaa foddicha kuusdeetaa keessaa, sajoo Unkoota cuqaasi.

  3. Mul'annoo Saxaxaa keessatti Unka Uumi cuqaasi.

Galmeen barruu haaraa ni banama. To'annoowwan unkaa saaguuf Form Controls fayyadami.

Sajoo Yaaddannoo Unkoota hundaa kanneen foddaa kuusdeetaa ammaa keessaa irraa uumaman gahinsa gochuuf sajoo Unkoota cuqaasi. Dabalataan Barreessaa kamiyyuu yookiin galmee Calc tti to'annoowwan unkaa kuusdeetaa ida'uuf sajoowwan To'annoowwan Unkaa fayyadamuu ni dandeessa, garuu galmeewwan kun foddicha kuusaa deetaa keessatti hin tarreeffaman.