Baafatawwan

Kan armaan gadii ibsa baafatootaa, bafatoota xiqqaa fi qaaqota Fakkasaa LibreOffice maraati.

Sajoo Yaaddannoo Foddaan galmee of keessatti qabate ati irratti hojjechuu barbaaddu akka ajajoota baafataa fayyadamuuf filatamuu qaba. Haaluma walfakkatuun, ajajoota baafataa wanta waliin firooman fayyadamuuf wanta galmee keessaa filachuu qabda.

Sajoo Ofegannoo Baafatawwan rifachisaa halqalaati. Kana jechuun maalimootni baafataa kun hojii amma hojjetamaa jiruuf faayidaa qabeessa ta'anii jiraatu. Yoo qareen barruu keessatti iddeeffame, maalimootni baafataa barruu gulaaluuf fayyadan hundi ni jiraatu. Yoo galmee keessaa saxaatoo filatteetta ta'e, maalimoota baafataa saxaatoo gulaaluuf fayyadan hunda agarta.

Faayilii

Bafatii kun, galmeewwan Fakkasaa waliin hojeechuuf ajajawwan waliigalaa, isaaniis, cufuu fi maxxansuu of keessaa qaba. Fakkasaa LibreOffice cufuudhaaf, Bahi cuqaasi.

Gulaali

Ajajawwanii baafata kana keessaa, galmeewwan Fakkasaa akka gulaaluuf (fakkeenyaaf, garagalchuu fi maxaansuu) fayyadu.

Mul'isi

Amalawwan agarsiisa galmee Fakkasaa qindeessa

Saagi

Bafatii kun, galmeewwan Fakkasaa keessatti akka ati maalimaawwan, isaaniis, saxaatoo fi qajeelfama saagduu siif hayyama.

Dhangii

Ajajawwan teessumicha dhangeessuu fi qabiiyyee galmee keetii of keessaa qaba.

Meeshaalee

Bafatii kun, Fakkasaa LibreOffice dhaaf meeshaalee, akkasuumas gahi afaanii fi qindaa'ina sagantaa dhiyeesa

Fooyyessi

Ajajawwan galmee kee keessatti wantawwan fooyyessu of keessaa qaba.

Foddaa

Ajajoota foddaa galmee irratti hojjechuu fi agarsiisuu of keessatti qaba.

Gargaarsa

Bafatii Garagarsichaa, kaasuu fi sirna Gargaarsaa LibreOffice too'achu siif hayyama.