Baafatoota

Ajajaawwan baafataa armaan gadii wardiidhaaf jiraatu.

Sajoo Yaaddannoo Foddaan galmee of keessatti qabate ati irratti hojjechuu barbaaddu akka ajajoota baafataa fayyadamuuf filatamuu qaba. Haaluma walfakkatuun, ajajoota baafataa wanta waliin firooman fayyadamuuf wanta galmee keessaa filachuu qabda.

Sajoo Ofegannoo Baafatawwan rifachisaa halqalaati. Kana jechuun maalimootni baafataa kun hojii amma hojjetamaa jiruuf faayidaa qabeessa ta'anii jiraatu. Yoo qareen barruu keessatti iddeeffame, maalimootni baafataa barruu gulaaluuf fayyadan hundi ni jiraatu. Yoo galmee keessaa saxaatoo filatteetta ta'e, maalimoota baafataa saxaatoo gulaaluuf fayyadan hunda agarta.

Faayilii

Ajajaawwan kun galmee ammaaf, galmee haaraa tokko banuuf, ykn cufuudhaaf fayyadu.

Gulaali

Baafatni kun ajajaawwan qabeentoota galmee ammaa keessa jiran gulaaluuf fayyadan qaba.

Mul'isi

Baafatni kun ajajaawwan to'annaa agarsiisa agartiirraa galmeedhaaf fayyadan qaba.

Saagi

Baafatni saagii ajajaawwan maalimaa haraa, kan akka man'eewwanii, tarreewwanii, wardiiwwanii fi maqaawwan Man'ee wardii ammaatti saaguuf fayyadan of keessa qaba.

Dhangii

Baafatni Dhangii ajajaawwan man'eewwan filaman, wantoota, fi qabeentoota man'ee galmee keetii dhangeessuuf fayyadan of keessa qaba.

Eegali

This menu contains commands to modify and manage a sheet and its elements.

Deetaa

Ajajawwan baafata Deetaa waardii ammaa keessaa deetaa gulaaluuf fayyadan fayyadami. Hangii deetichaa qindeessuu, fooyuu, fi gingilchuu, bu'aa herreeguu, deetaa toorii, kana booda DataPilot banuu nidandeessa.

Meeshaalee

Baafatni Meeshaalee ajajaawwan qubeeffaannoo mirkaneessuuf, wabii wardii barbaaduuf, dogoggora baasuufi mul'annoo ibsuudhaaf fayyadan of keessaa qaba.

Foddaa

Ajajaawwan foddaalee galmee too'achuu fi agarsiisuuf fayyadan of keessaa qaba.

Gargaarsa

Bafatii Garagarsichaa, kaasuu fi sirna Gargaarsaa LibreOffice too'achu siif hayyama.